Fana: At a Speed of Life!

Wiixata dhufu hayyoota yuunivarsitiiwwanii waliin ni mari’atama

Finfinnee, Sadaasa 23, 2015 (FBC)- Wiixata dhufu hayyoota yuunivarsitiwwaaniirraa babba’an waliin waltajjiin marii akka gaggeeffamu Yuunivarsiitiin Finfinnee fi Yuunivarsiitiin Barnoota Kotobee ibsan.

Dhimmicharratti ibsa kan kennan Pireezidaantiin Yuunivarsitii Barnoota Kotobee Dooktar Birhanamasqal Xanaa fi Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Koolleejjii Saayiinsii Finfinnee Dooktar Darajjee Ingidaa, waltajjiin marii hayyootaa kun mata dure “Dagaagina Ityoophiyaaf gahee Hayyoota” jedhuun Sadaasa 26, 2015 akka gaggeeffamu ibsaniiru.

Waltajji maricharratti yuunivarsitiiwwan biyyaattii keessatti argamanii fi dhaabbilee qorannoorraa kan babba’an hirmaaattonni 300 ol akka argaman eerameera.

Waltajjichi hayyoonni bilisaan yaada isaanii akka ibsatanii fi dagaaginni yaadaa bakka itti mul’atuudha jedhameera.

Mariicharratti haala yeroo biyyattii, diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa irratti akka mari’atamu himameera.

Barakat Takkaalinyituu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.