Fana: At a Speed of Life!

Wixineen labsii bulchiinsaafi itti fayyadama lafa baadiyyaa naannoo Oromiyaa irra deebiin bahe ragga’e

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2015 (FBC) – Wixineen labsii bulchiinsaafi itti fayyadama lafa baadiyyaa naannoo Oromiyaa irra deebiin murteessuuf bahe lakkoofsa 248/2015 jedhamuun sagalee guutuun ragga’eera.

Bulchiinsiifi ittifayyadamni lafa baadiyyaa iftoomina, si’oomina, bu’aa qabeessummaa, hirmaachisummaafi itti gaafatamummaa karaa qabuun akka hoogganamuuf labsii qophaa’e ta’uu eerameera.

Sirna mirga abbaa qabeenyummaa lafaa qonnaan bulaa, horsiisee bulaafi gariin horsiisee bulaan heeraan qabu hojiitti hiikuuf qooda qabaachuu ibsamera.

Hanqinaalee seerota duraan turan keessatti gama mirgaafi dirqama, wabii ittifayyadama lafaa, waldiddaan itti hiikamu, argannaafi dabarsa seeraan alaa ittisuuf akka ta’e yaa’ichaan himameera.

Wixinee Labsichaa irratti miseensonni Caffee gaaffiifi yaada qaban erga kaasaanii sagalee guutuun ragga’eera.

Daagmaawwii Deeksisaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.