Fana: At a Speed of Life!

Xaaliyaan sababa koroonaatin lammiileen biyyattii qa’ee isaanitiin ala sochii kamuu akka hin taasifne dhoorkite

Finfinnee, Bitoottessa 1, 2012 (FBC) – Xaaliyaan sababa koroonaatin lammiileen miiliyoonni 60 qa’ee isaanii ala sochii kamuu akka hin taasifne labsii yeroo ariifachiisaan dhoorkite.
 
Xaaliyaan lammiileen miiliyoonni 60 magaalaa fi qe’ee isaanii keessaa akka hin baane, imala kamuu akka hin taasifnee fi namoota biroon akka wal hin qunnamne guutummaa biyyattiitti labsii yeroo muddamaa labsuun dhoorkite.
 
Muummeen ministiraa Xaaliyaan Juseeppee Koonteen lammiileen biyyattii dhimmoota murteessoo ta’aniif qofa eeyyamaan akka socho’an ajaja dabarsaniiru.
 
Xaaliyaanii keessatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan du’anii 463 irra ga’eera.
 
Vaayrasiin koroonaa bulchiinsota biyyattii 20n keessatti muul’ateera.
 
Xaaliyaaniin Chaanitti aante biyya dhibichaan miidhamaa jirtuudha.
 
Lammiileen Chaayinaa kutaa bulchiinsa Huubee miiliyoona 60 ta’an hojii kamuu dhiisanii cufatanii taa’aa jiraachuun kan yaadatamudha.
 
Waliigala namoota Vaayrasichaan qabaman keessaa namoonni kumni 64 fayyaniiru.
Maddi:-BBC, Italy News
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.