Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Bulchiinsa Intarneetii Finfinneetti gaggeeffamuun isaa milkaa’ina diijitaalaa Ityoophiyaaf carraa gaarii uuma jedhame

Finfinnee, Sadaasa 15, 2015(FBC)- Yaa’iin Bulchiinsa Intarneetii Idil Addunyaa Finfinneetti gaggeeffamuun isaa milkaa’ina diijitaalaa Ityoophiyaa warreen birootti beeksisuuf carraa gaarii kan uumu ta’uu ibsame.

Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Eeggataa Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Komishinii Diinagdee Afrikaa Antooniyoo Peedroo waliin Niijer  Niiyaamiitti mari’ataniiru.

Antooniyoo Peedroon, Yaa’iin Bulchiinsa Intarneetii Idil Addunyaa bara faranjootaa Sadaasa 28, 2022 magaalaa Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uu yaadachiisaniiru.

Waltajjichi milkaa’ina diijitaalaa Ityoophiyaa warreen birootti beeksisuuf carraa kan uumu ta’uu eeraniiru.

Obbo Dammaqaan gamasaaniin, waltajjicha kan deeggaran ta’uu mirkaneessuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.