Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Hundeeffama Abbootii Alangaa Oromiyaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 28, 2013 (FBC) – Yaa’iin Hundeeffama Abbootii Alangaa Oromiyaa magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.
Hundeeffamuun yaa’ichaa abbootiin Alangaa Naannoo Oromiyaa walitti dhufanii waliin mariyachuun rakkoo hiikaa fi hanqinoota garaagaraa mudatan sirreessaa deemuuf kan gargaaruu ta’uu Abbaan Alangaa walii galaa Oromiyaa Obbo Huseen Usmaan dubbataniiru.
Yaa’iin abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa kun dhimmoota mana hojichaa fi ogummaa Abbaa alangummaan walqabatanii jiran kanneen akka fooyya’iinsa sirna haqaa,fi isaan biroo irratti mariyachuun kallattii kaa’uuf kan gargaaruudha jedhan.
Abbootiin Alangaa dhimmoota akka naamusaa, faayidaa ,dandeettii fi dantaa waloo isaaniirratti mari’achuun kallattii akka kaa’aniif kan gargaaru ta’uus himameera.
Akka OBN gabaaseetti Yaa’ii Hundeeffama Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa kanarratti qajeelfamni yaa’ichi ittiin geggeeffamu dhiyaatee irratti mari’ameera jedhame.
Yaa’iichis guyyoota lamaaf kan turu ta’uu himameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.