Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Koree Ministirootaa Sirna Nyaataa Hundeessuu gaggeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2015 (FBC)- Yaa’iin jalqabaa hundeeffaaa Koree Ministirootaa Sirnaa Nyaataa fi Sirna Soorataa gaggeeffameera.

Koreen Ministirootaa kun manneen hojii ministeerotaa 14 kan hammate yoo ta’u, Ministeera Qonnaa fi Fayyaatiin hogganama jedhameera.

Korichi kan hundeeffameef, adeemsa sirna nyaataa Ityoophiyaa, tarsiimoo soorataa fi nyaata madaalawaa akkasumas Waadaa Saqoxaa qindeessuu, imaammataa fi hammattoowwan seeraa hogganuuf ta’uun ibsameera.

Sirna baniinsa yaa’ichaarratti Ityoophiyaatti wabii nyaataa mirkaneessuu, hanqina nyaata madaalawaa furuu akkasumas dhiibba jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuurratti kan xiyyeeffate ta’uun eerameera.

Sagantaa ce’umsa sirna nyaataa fi sirna soorataa Ityoophiyaa bara 2012 bocame milkeessuuf manneen hojii ministeerotaa 14 waloon akka hojjetan eerameera.

Ajandaa ce’umsa sirna nyaataa fi sirna soorataa Ityoophiyaa bocuurratti ogeeyyiin 120 dhaabbileen 40 irraa walitti baba’an hirmaataniiru.

Qaal’aiinsa gatii nyaataa tasgabbeessuu fi sirna soorataa jajjabeessuuf akkasumas qabeenyaalee umamaa eeguun ajandaalee biroo hammachiifaman ta’uu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.