Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin waliigalaa Federeeshinii Ispoortii Yuunvarsiitiwwan Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 17, 2013 (FBC) – Yaa’iin waliigalaa Federeeshinii Ispoortii Yuunvarsiitiwwan Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.
Mata duree ‘addunyaa Ispoortii Yuunvarsiitii jijjiiruu’ jedhuun Yaa’iin waliigalaa Federeeshinii Ispoortii Yuunvarsiitiwwan Afrikaa qopheessummaa Yuunvarsiitii Meetiroopooliitaanii Kotabeetiin gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Yaa’icharratti itti aantuu kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee dabalatee miseensonni Federeeshinichaa biyyoota Afrikaa garaagaraa irraa walitti dhufan hirmaachaa jiru jedhame.
Ispoortii tokkummaa fi tumsa waloof oolchuun jireenyaa Afrikaa fi Afrikaanootaa sadarkaa fooyya’aatti jijjiiruuf hojjetamuu qaba jedhame.
Akka EBCn gabaaseetti Ispoortiin ijaarsa biyyaa fi dargaggoota namuusa gaarii qaban horachuu keessatti damee qooda olaanaa qabu ta’uu isaan dhaabbileen barnootaa olaanoo Afrikaa keessatti argaman xiyyeeffannoon irratti hojjechuu qaban jedhame.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.