Fana: At a Speed of Life!

Yunvarsiitiin Jimmaa kitaabilee kuma 3 fi 184 mana Kitaabaa Abrihootiif gumaache

Finfinnee, Caamsaa 17, 2014 (FBC) – Yunvarsiitiin Jimmaa kitaabilee kuma 3 fi 184 mana Kitaabaa Abrihootiif gumaachuun, argisiisa Kitaabaas qopheesseera.
Argisiisa Kitaabaa torbee tokkoof turu kanaarratti, yunvarsiitichi bara 1975 erga hundaa’ee eegalee Teeknooloojiin barreeffamaa osoo hin babal’atiin dura barreeffamoota qorannoo harkaan barraa’aan, kitaabilee seenaa qabeeyyii fi baay’inaan yeroo ammaa hin argamne dhiyaachaa jiru jedhame.
Kitaabileen kumni 34 fi 564 bifa diijitaalaan gurmaa’uun adeemsa baruu fi barsiisuu ammayyeessuun danda’amuu Daayreektarri Mana Dubbisa Kitaabaa Yuunvarsiitichaa Aadde Addisaalem Gulummaan ibsaniiru.
Yunvarsiitiin Jimmaa imala gara giddugala wiirtuu qorannootti taasiisu milkeessuuf kitaabileen ammayyaa mana dubbisa kitaabee keessaatti gurmeessaa jiraachuu eereera.
Huseen Kamaaltu gabaae.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.