Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Finfinnee bara dhufurraa eegalee yunivarsitii ofiin of bulchu ta’a-Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2014 (FBC) – Yuunivarsiitiin Finfinnee bara dhufurraa eegalee gidduu seentummaa mootummaarraa walaba ta’uun yuunivarsiitiin ofiin of bulchu akka ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksise.
 
Mirga walabummaan of bulchuu yuunivarsiitiiwwan Ityoophiyaaf kennuuf waltajjiin marii gaggeeffameera.
 
De’eetaan Ministiraa Ministeera Barnootaa Dooktar Saamu’eel Kifilee, Yuunivarsiitii Finfinnee hordofuun yuunivarsiitiiwwan biroon waggoota lamaa hanga shanii gidduutti yuunivarsiitiiwwan walabaan of bulchaaniitti akka jijjiiraman dubbataniiru.
 
Yunivarsitiin finfinnees giduu seentumma mootummaarraa walaba akka ta’u kan murtaa’es mootummaan ofiin akka of bulchaniif murtee darbarse hordofeeti jedhan.
 
Preezdaantiin Yunivarsiitii Finfinnee Pirofeesar Xaasawu Waldahaanna, barreeffama qorannoo dhiyeessaniin muuxannoo idil addunyaan, yuunivarsiitiiwwan walabummaan of hoogganuu, hojjetaa qacaruu, barattoota simachuu, qabeenya horachuu fi bulchuu, dhaabbilee waliin hariiroo uumuu fi hojiilee biroo raawwachuu akka danda’an hubachiisaniiru.
 
Ityoophiyaatti yuunivarsiitiiwwan walaba waan hintaaneef, kanneen hunda raawwachuu hindanda’an jedhanii, sababa kanaan ittigaafatama isaanii saffisaa fi qulqullina barbaadameen gaggeessuu hindandeenye jedhaniiru.
 
Beekkamtiin yuunivarsiitii walabaa sadarkaa yaaliitti Yuunivarsiitii Finfinneetti eegaluun yuunivarsitichi muuxannoo fi ga’umsaa fooyya’aarratti waan argamuuf ta’uun eerameera.
 
Yuunivarsiitii walabaa jechuun baajataa mootummaarraa ramadameefii, bilisummaa yuunivarsiitiiwwaniif kenname sirnaan fayyadamuu isaanii kan to’atu ta’ee, kanaan alatti akka dhaabbata dhuunfaa tokkootti hojii raawwatu ittigaafatamaan hojjechuuf mirga kennamu ta’uun eerameera.
 
Haayileyessuus Siyyumtu gabaase.
 
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.