Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsitiin Jimmaa Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa fi Tuurizim Ityoophiyaa waliin hojjechuuf marii gaggeese

Finfinnee, Amajjii 5, 2012 (FBC) – Yuunivarsitiin Jimmaa Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa fi Tuurizim Ityoophiyaa waliin hojjechuuf marii gaggeese.

Marii kanarrattis hojii misooma hawwataa turizimii irratti waliin hojjechuuf kan walii galame yoota’uu, akka Kibba Dhiha Ityoophiyaatti gama ikoo-turizimii, Turizimii Bunaan walqabatanii fi Proojaktii ‘Life in Palace’ Kan masaraa Abbaa Jifaaritti geggeefamu irratti waliin hojjechuuf walii galamee jira.

Haaluma kanaan Karoorri tarsimoo gama misooma fi hawwata turizimii Kibba Dhiha Ityoophiyaa irratti qophaa’ee akka hojiitti galamu walii galameera.

Yuunivarsitiin Jimmaas Godina Jimmaa keessatti Hawwata turizimii argaman beeksisuuf akka hojjetu deeggarsa barbaachisu akka godhu waadaa seenee jira.

Hojiin kun waliigalteen waliin hojjechuu akka mallatteeffameen kan eegalu yommuu ta’u dhumarrattis Hooggantoota olaanoo Turizimii Ityoophiyaa waliin tahuun dawwaannan hawwata turizimii dhiyeenyatti argamanii gaggeffamee jiraachuu ragaan Yuunvaarsiitii Jimmaarraa arganne ni muldhisa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.