Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Baahir Daar barattoota hojii baruu fi barsiisu booressan 21 irratti tarkaanfi fudhate

Finfinnee, Amajjii 14, 2012 (FBC) – Yuunvarsiitiin Baahir Daar barattoota hojii baruu fi barsiisu booressan 21 irratti tarkaanfi fudhateera.

Yuunvarsiitichi kutaalee barnoota tokko tokkotti barnoonni akka adda cite ture kaasuun, yeroo ammaa guutummatti barattoonni gara barnootatti deebi’uu ibseera.

Itti aanaan Preezdaanti Informaashin IStiraateejik Kominikeeshini Dooktar Zawduu Immiruu akka ibsanitti barattoota 4 guutummatti barnootarra ittifaman dabalatee barattoota 21 barnoonni akka gufatu taasisaanirratti wagga tokkoo eegalee tarkaanfiin irratti fudhatameera jedhan.

Qaamolee dhimma kana waliin hariiroo qaban fulduratti adda baasuun tarkaanfiin irratti akka fudhatamus ibsaniiru.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.