Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Dambii Dolloo lammiilee Godina Booranaatti hongeen miidhamaniif deeggarsa taasise

Finfinnee, Eebila 6, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitin Dambii Dolloo fi barattoonni Yuunvarsitichaa lammiilee  Godina Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa Kuntaala 400 taasisuu ibsame.

Yuunvarsiitin Dambii Dolloo Birrii miliyoona 1 fi barattoonni Yuunvarsiitichaa Birrii miliyoona 1 walitti fiduun walumatti qarshii miliyoona 2’n midhaan nyaataa kuntaala 400 bituun deeggarsa taasisuu Yuunvarsiitii Dambii Dollootti qindeessaan dhimma alaa Obbo Dirribaa Handaashaa ibsaniiru.

Ittaanaa Bulchaa Godina Booranaa Obbo Abdusalaam Waariyoo qaamolee deeggarsa taasisan galateeffachuun, qaamoleen biroollee fakkeenyummaa kana fudhachuun lammiilee miidhaman  cinaa akka dhaabbatan waamicha dhiyeessuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa .

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.