Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Finfinnee imaammata farra pilaajaarizmi (Anti-plagiarism) hojiirra akka oolchu beeksise

Finfinnee, Gurraandhala 21, 2012 (FBC) – Yuunvarsiitiin Finfinnee imaammata farra pilaajaarizmi (Anti-plagiarism) Gurraandhala 22, 2012 eegalee hojiirra akka oolchu beeksise.

Yuunvarsiitichi waraqaa qorannoo eebbaa deeggarsa sooftiwariin qoratamee pilaajaarizmirra bilisa ta’uu otuu hin mirkaneessiin digirii akka hin kenninne beeksise.

Yuunvarsiitiin Finfinnee pilaajaarizimiin namni hojii qorannoo tokko dhiyeessu hojii namoonni biroo hojjetan hojii ofii isaanii godhanii fudhachuun seera qorannoo fi akkadaamii cabsuun kan raawwatamu gocha seeraan alaa ta’uu beeksiseera.

Rakkoon kun baruu fi barsiisuu fi hojii qorannoorratti dhiibbaa qabachuu isaa hubachuun Yuunvarsiitichi imaammata farra pilaajaarizimii baasuun barbaachisaa ta’ee argateera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.