Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Haramayaa barattoota ogummaa garaagaraan barsiisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Haramayaa barattoota ogummaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 4 ol marsaa 66ffaaf eebbisiisuu ibsameera.
Yuunvarsiitichi barattoota digirii jalqabaa, 2ffaa, digirii 3ffaa fi Ispeeshaalistiin barsiisaa ture kuma 4 ol eebbisiiseera.
Barattoota eebbifaman keessaa kumni 1 fi 284 dubartoota ta’uu ibsamera.
Sirna eebbaa kanarratti Ministiirri Ministeera Hojii fi Kalaqaa Aadde Mufariyaat Kaamiil dabalatee Hoggantoonni olaanoon Yuunvarsiitichaa fi maatiin barattootaa argamaniiru.
Yuunvarsitiin Haramaayaa erga hundaa’ee hanga ammaatti barattoota Kuma dhibba 1 ol ogummaa garaagaraatii barsiisuun biyyaaf gumaacheera.
Tashoomaa Hayiluutu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.