Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Haramayaa jiraattoota naannoo Hararii abbootii warraa kuma 3 fi 500 fayyadamoo kan taasiisu tajaajila Inshuraansii Fayyaa deeggarsa taasiise

Finfinnee, Amajjii 14, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Haramayaa jiraattoota naannoo Hararii abbootii warraa kuma 3 fi 500 fayyadamoo kan taasiisu tajaajila Inshuraansii Fayyaa deeggarsa taasiiseera.

Preezdaantiin Yuunvarsiitii Haramaayaa Dooktar Jamaal Yuusuuf Preezdaantii Naannoo Hararii obbo Ordiin Badrii fi Hogganaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Naannoo Hararii Dooktar Ibsaa Muusaaf deeggarsicha laataniiruu.

Yuunvarsiitichi sirna baruufi barsiisuun cinatti roga hundaan tajaajila hawaasaa babal’isuuf hojjataa jiraachuu Dooktar Jamaal Yuusuuf eeruun, keessattu dhimmi fayyaa hawaasaa dhimma xiyyeeffannoo guddaan hojjatamaa jiru ta’uu himaniiru.

Preezdaantiin Naannoo Hararii obbo Oordiin Badriin gama isaaniin wayita ammaa Mootummaan tajaajila hawaasaa dhaqabamaa taasisuuf hojiin hojjataa jiru keessa hojiin tajaajila inshuraansii fayyaa isa tokko ta’uu fi deeggarsa Yuunvarsiitiin Haramaayaa taasise galateeffataniiruu.

Deeggarsichi taasiifame Yuunvarsiitiin Haramaayaa aantummaa hawaasaaf qabu kan agarsiisuudha jedhan obbo Oordiin Badriin.

Bara kana qofa akka Naannoo Harariitti abbootiin Warraa kumni 45 fi 800 ol miseensa Inshuraansii Fayyaa ta’uu Hoggananaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Naannoo Hararii Dooktar Ibsaa Muussaan himaniiru.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.