Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Jimmaa Hospitaala sadarkaa jalqabaa Dalaantaa deebisee ijaaruufi jedhame

Finfinnee, Amajjii 4, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Jimmaatti Inistiityuutiin Fayyaa Hospitaala sadarkaa jalqabaa Dalaantaa garee shororkeessaa ABUTn barbadaa’e deebisee ijaaruuf hojii qorannoo gaggeessuuf qophii xumuruu ibseera.
Godina Kibba Wallootti Hospitaala sadarkaa jalqabaa Dalaantaa suphuu eegaluuf qophii barbaachisu xumuruu Inistiityuutichi beeksiseera.
Ogeeyyiin gara sanatti ergamuun hamma miidhaa qaqqabee adda baasuu Itti aanaa Preezdaantiin Inistiityuutii Fayyaa Dooktar Eeliyaas Alii ibsaniiru.
Hojiin suphaa Hospitaalichaa yeroo torbee tokko hin caalle keessatti xumuruun tajaajila idilee eegalchiisuuf ni hojjetama jedhan Dooktar Eeliyaas.
Hojiin dhiyeessii qorichaa fi meeshaalee tajaajila yaala Fayyaa xumuramuu fi ogeeyyiin yaalaa 30 ta’an tajaajila tolaa laachuuf galmaa’uu kaasaniiru.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.