Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitin Finfinnee hayyoota 4f sadarkaa proofeesarummaa laate

Finfinnee, Muddee 24, 2012 (FBC) – Yuunvarsiitin Finfinnee hayyoota 4f sadarkaa proofeesarummaa laate.
 
Yuunvarsiitichi Koolleejjii Qorannaa Misooma Biyyaa, Koolleejjii Saayinsii Fayyaa fi Koolleejjii Qorannaa Afaaniitti barsiisummaa fi qorattummaan hayyoota hojjetaniifi sadarkaa proofeesarummaa kan laate.
 
Haaluma kanaan yuunvarsiitichi Dooktar Geetaahuun Amaaraa, Dooktar Balaay Samaanii, Dooktar Daggafaa Tolosaa fi Dooktar Waaqgaarii Dheeressaaf sadarkaa proofeesarummaa laatera.
 
Hayyoonni kanneen barruulee biyya keessaa fi alaarratti qorannoowwan isaanii maxxansiisaniiru.
 
 
Haaylayyasuus Makoonnantu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.