Fana: At a Speed of Life!

Qoricha aadaa fi ammayyaa waliin qindeessuun vaayrasii koroonaaf daawaan qophaa’aa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 18,2012(FBC) – Qoricha aadaa fi ammayyaa waliin qindeessuun vaayrasii koroonaaf daawaan qophaa’aa jiraachuu ibsame.
 
Ityoophiyaatti weerara vaayiiraasii koroonaaf qoricha aadaa fi ammayyaa waliin makuun qorannoon taasifamaa jiraachuu ifoomeera.
 
Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii qoricha aadaa fi ammayaa waliin makuun qorannoon saayinsiin deeggarame taasifamaa jiru qorannoo bu’araa darbuu isaa beeksiseera.
 
Qorannoon bifa qindaa’een gaggeeffamaa jiru kun yeroo ammaa irra deddeebiin yaalii waan darbeef gara oomishaatti galuuf yeroo itti aanuu yaalii bineensootaa fi sakkata’iinsa Kiliinikaatti ce’uuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
 
Dhimma kana ilaalchisee ministeerichi ibsa har’a kennameen, gosoota biqiltuu kuma 8 addunyaarratti argaman keessaa kumni 7 ol Ityoophiyaatti kan argaman ta’uu ibseera.
 
Hojiin qorannoo qorichaa aadaa fi ammayyaa waliin qindeessuun gaggeeffamaa jiru cimee kan itti fufe yoo ta’u, vaayrasii koroonaaf qorannoon daawwaa argachuuf taasifamaa jiru xiyyeeffannoon itti fufeera jedhame.
 
Haala amma jiruuniis abdiin gaariin muul’ataa jira jedhameera.
 
Barbaachi qoricha kanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi Ityoophiyaatti ulaagaalee qophummaa guutuun gaggeeffamaa akka jiru ibsameera.
 
Qophiin qoricha kanaa yeroo xumurameetti Ministeerri Fayyaa fi Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii waliin ta’uun kan ifoomsan ta’uu himameera.
 
Fireehiyiwaat Safiiwtu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.