Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Nageenya Saayibarii fi Ce’umsa Diijitaalaa gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Guraandhala 26, 2016 (FBC) – Yaa’iin Nageenya Saayibarii fi Ce’umsa Diijitaalaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.
Yaa’iichi nageenyaa fi Birmaadummaa Saayibarii Itiyoophiyaa eegsisuu fi sona Saayibarii biyyattii cimsuuf bal’inaan irratti mari’achuuf kan qophaa’ee ta’uun ibsameera.
Yaa’iichi guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’uu, nageenyaa Saayibarii, seeraa Saayibarii fi Dhimmoota walfakkaatoo biroorratti barreeffamni qorannoo 12 dhiyaachuun kan irratti mari’atamuu ta’uun eeraameera.
Yaa’iicharratti Daayrektarri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Aadde Tigist Hamiid, Pireezidaantiin Nageenyaa Saayibarii Itiyoophiyaa Dookar Birhanuu Bayyaanaa fi qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.
Mintasinoot Mulugeetaatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.