Fana: At a Speed of Life!

Baankichi rakkoo Siistamaa tibbana muudate akka carraatti fayyadamuun kanneen maamiltoota waliindhahuuf yaalaan jiraachuu beeksise

Finfinnee, Bitootessa 10, 2016 (FBC) – Baankiin Daldala Itiyoophiyaa rakkoo Siistamaa tibbana muudate akka carraatti fayyadamuun kanneen maamiltoota waliindhahuuf yaalaan jiraachuu beeksiseera.
Waliindhooftoonni rakkicha akka carraatti fayyadamuun maamiltoota waliin dhahuuf yaalaan waan jiraniif maamiltoonni of eeggannoo akka taasiisaan hubachiiseera.
Baankirraa waan bilbilame fakkeessuun lakkoofsi herreegaa keessanii akka isiniif banamu lakkoofsa iccii keessan galchaa jechuun yaaliin saamichaa taasiifamaa jiraachuu himeera.
Baankiin Daldala Itiyoophiyaa haala kanaan ragaan gaafatu, Herreekni banuu fi cufuu kan hin jirre ta’uu ibseera.
Maamiltoonni waayita dhimmoonni akka kanaa isaan mudate tarkaanfii kamuu osoo hin fudhatin damee baankichaa dhiyeenyatti argamu yookaa giddugala odeeffannoo 951 irratti bilbiluun odeeffannoo gaafachuu akka qaban hubachiiseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.