Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti daandiwwan yeroo kabajaa ayyaana daamaraatti cufaman poolisiin ifoomse

Finfinnee, Fulbaana 14, 2013 (FCB)- Koomishiniin poolisii magaalaa Finfinnee Fulbaana 16, 2013 addabaabaayii masqaalaatti kan kabajamuu ayyaanni daamaraa hanga xumuramuutti daandiwwan konkolaattotaaf cufaa ta’an ifoomseera.

Haaluma kanaan

Daandii xiyyaaraa Boolee galma Barkuumee gara addabaabaayii masqalaa geessu naannoo Danbaal Siitii Seenteer addabaabaayii Oloompiyaa.

Daandiin Magganyaa, karaa Hayaa Huleet gara maskaal addabaabaayii akkasumaas Boolee Madiyaaniyaalam, Hoteelaa Atilaas gara masqaal addabaabaayii geessu naannoo addabaabaayiin mana amantaa kiristaanaa Uraa’eel.

Daandii Caffee Araaraa gara addabaabaayii masqaala geessu.

Daandii Malkaa Daabus gara addabaabaayii masqaalaa geessuu naannoo waajjira Immigireeshiniirran gara masqaal addabaabaayii naannoo waajjiraa Meetrooloojii.

Daandii Taaklaa Haayimaanoot, hospitaala Xuqur Anbassaa,.

Daandii eegumsaa naannoo, Tiyaatiraa biyyooleessa gara masqaal addabaabaayii geessu.

Daandii Saariis gara Gootaraa geessu.

Daandiwwan Xoor Haayilooch, Lidataa, hospiitala poolisii gara addabaabaayii Caffee Aannanii, naannoo maabiraataayili Laga Harree guyyaa sa’aatii 5 eegalee hanga qophiichi xumuramuutti cufaa ta’u ibsameera.

Akkasumaas addabaabaayii masqaalaa fi mana amantaa kiristaanaa Qidduus Isxiifaanoos gara Istaadiyoomii akkasumaas hootela Harraambee gara daandii qaxxamuuraa Seenjii Yooseef sababaa kabajaa ayyanichaaf ganama sa’a 1:00 irraa eegalee cufaa ta’u ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.