Fana: At a Speed of Life!

Dhiibbaa walitti bu’iinsi Raashiyaa fi Yuukreen dhiyeessii midhaan nyaataa Afrikaarratti qabu

Finfinnee, Gurraandhala 19, 2014 (FBC) – Raashiyaa fi Yuukreen gabaa midhaanii addunyaarratti biyyoota ga’ee olaanoo taphatan ta’uun isaanii beekamaadha.

Hoggantoonni biyyoota Afrikaa walitti bu’iinsa Raashiyaa fi Yuukreen ilaalchisee xiyyeeffannoo kennuu qabu jedha gabaasni  Ze Konvarzeeshin baase.

Akka gabaasaaleen garaagaraa ibsanitti biyyoota lameenii fi Afrikaa gidduutti daldalli oomishaalee qonnaa haalaan ni gaggeeffama.

Bara 2020 qofaatti biyyoonni Afrikaa Raashiyaarraa oomisha qonnaa Doolaara biiliyoona 4tti shallagamu bitaniiru. Kanneen keessaa %90 oomisha qamadiiti.

Bifuma walfakkaatuun bara walfakkaataa keessa biyyoonni Afrikaa oomisha qonnaa Doolaara biiliyoona 2.1 Yuukreenirraa kan bitan yoo ta’u walakkaan isaa qamadii, %31 ammoo oomisha boqqolloo akka ta’e ragaaleen ni mul’isu.

Irra jireessaan biyyoonni Afrikaa biyyoota kanneen irraa oomisha qonnaa bitan jalqabarratti Ijipti yoo taatu Sudaan, Naayijeeriyaa, Taanzaaniyaa, Aljeeriyaa, Keeniyaa fi Afrikaan Kibbaa ta’uu ragaaleen ni eeru.

Biyyoonni lameen kunneen oomisha qamadii addunyaa keessaa Raashiyaan % 10, Yuukreen ammoo %4 kan uwwisan ta’uu ni himama.

Gabaa oomisha qamadii addunyaa bara 2020n Raashiyaan %18 yoo qabattu Yuukreen ammoo %8 kan qabdu turte.

Gama biraatiin Yuukreen dhiyeessii zayita suufiin addunyaarraa gahee %40 qooddatti.

Duula waraanaa Raashiyaan Yuukreen irratti banteen walitti bu’iinsi biyyoota lameen gidduutti uumame dhiyeessii midhaan nyaataa addunyaa ni jeeqa jedhamee amanama.

Wal dhabdeen kun oomisha midhaan nyaataa fi zayita suufii bal’inaan biyyoota kanneen irraa kan bittu ardii Afrikaarraan dhiibbaa geessisuu akka malu tilmaamameera.

Keessumaa biyyoota Afrikaa tokko tokko keessatti  rakkooleen hongee, jeequmsaa fi rakkoo tajaajila geejjiba idil addunyaa waliin walitti ida’amuun qaal’aiinsa jireenyaa akka hin hammeessineef yaaddoo uumeera.

Qaala’iinsi jireenyaa waggoottan lamaan darban irraa kaasee haalaan dabalaa dhufe walitti bu’iinsa biyyoota kanneeniin haammaachuu kan malu ta’uu tilmaamameera.

Kanaaf walitti bu’iinsi Raashiyaa fi Yuukreen  biyyoota Afrikaa yaaddessuu qaba jedha gabaasni Ze Konvarzeeshin.

Biyyoonni qamadii oomishuun beekaman kanneen akka Kaanaadaa, Ameerikaa fi Awustaraaliyaa carraa gabaa walitti bu’iinsichaan banameefitti  fayyadamuun oomisha isaanii sadarkaa olaanaa dhiyeessuu akka danda’an tilmaamameera.

Ta’us galmi ijoon biyyootaa waldhabdeen biyyootaa akka dhaabbatu gochuu ta’uu gabaasichi ibseera.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.