Fana: At a Speed of Life!

Godina Gujiitti kurmaana 2ffaatti hojiin misooma bifa gaariin raawwatamuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 12, 2014 (FBC)- Godina Gujiitti kurmaana 2ffaatti hojiin misooma bifa gaariin raawwatamuu ibsameera.

Godina Gujiitti hojiiwwan kurmaana 2ffaatti raawwatamaan irratti hoggantoota godinichaatin gamaaggameera.

Hojiin dameewwan fayyaa, barnootaa, proojektiin hawaasa gama deeggarsi hawaasaatin raawwatamaan olaanaa ta’uu ibsameera.

Raayyaa ittisa biyyaa birmaddummaa biyyatti kabachisaaa jiruf deeggarsi taasifameera.

Akka godina Gujiitti raayyaa ittisa biyyaa deeggarsi Birrii miiliyoonni dhibba 1 ol walitti qabamuu ibsameera gamaaggamichaan.

Marsaa lamaan sangoonni 600 ol fe’amanii raayyaa itti biyyaaf imalchiifamuu ibsameera.

Baajataa mootummaan ramadee fi tajaajilaa lammuummaatiin proojektoonni hawaasa buleeyyii fi haaraan haala gaariin hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Hojii barnootaatin manneen barnoota Bu’uura Boruu karoora qabameefiin raawwatamaa jiraachuu himameera.

Akka godina Gujiitti manni Barnoota Ifa Boruu sadii ijaarramee xumuramuun gara hojiitti galuu ibsameera.

Godinichatti rakkoo nageenyaa muudateen walqabsiisee barattoota barnoota isaanii adda kutaan barnootaatti deebisuuf hojiin hojjetameera.

Haaluma walfakkatuun godina Gujii kurmaana 2ffaa keessaatti galiin Birrii miiliyoonni dhibbi 4 fi miiliyoonni 16 walitti qabameera.

Kaffaltoota gibiraa yeroon gibiraasaanii hin kaffalleerratti tarkaanfiin fudhatameera.

Dargaggootafis carraa hojiin uumuu bifa baldhaa ta’een raawwatameera.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.