Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti dhiifamni sirreeffamtoota seeraaf taasifamaa turee eegaluuf mariin taasifame

Finfinnee, Amajjii 17, 2014 (FBC)- Komishiniin Manneen Amala Sirreessaa Oromiyaa naannoo Oromiyaatti waggoottan sadiif addaan citee kan ture  dhiifamni sirreeffamtoota seeraaf taasifamaa ture eegaluuf qaamolee dhimmi ilaallatuu waliin  marii taasisuu ibseera.

Komishinarri Komishinii Manneen Amalaa Sirreessaa  Oromiyaa Abdurraahim Hajii Faanaa Broodkaasting Koorporeetiif akka himaniitti, jijjiirrama serreeffamtoota seeraa gamaaggamuun ulaagalee ka’uun Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa waliin mari’achuun himaniiru.

Itti aanaan Abbaa Alangaa naannoo Oromiyaa Haarhuun Dhugumaa gama isaaniin, dhiifama ilaalchisee mootummaan wayita itti amanuu hojiirra kan ooluu ta’uu ibsuun aangoon isaa kan mootummaati jedhaniiru.

Naannoo Oromiyaatti yeroo amma kana sirreeffamtoonni seeraa kumni 41 kan argaman ta’uu ibsameera.

Abeeneezaar Taayyeetu gabaase

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.