Fana: At a Speed of Life!

Gabaa Alaatti barbaadamummaan oomishaalee Indaastirii Xixiqqaa fi giddugaleessaa dabaluu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 5, 2014 (FBC) – Gabaa Alaatti barbaaddamummaa fi dorgomtummaan oomishaalee Indaastirii Xixiqqaa fi Giddugaleessaa dabalaa dhufuun isaa ibsame.

Bara baajataa haaraatti Indaastirii oomishaalee xixiqqaa fi giddugaleessaaf walitti hidhamiinsa gabaa alaa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 32 fi kuma 700 uumuuf hojjechaa jiraachuu Daayreektarri Daayreektoreetii Dhimmoota kominikeeshinii Abbaa Taayitaa Babal’ina Oomishaalee Indaastirii xixiqqaa fi giddugaleessaa obbo Ashannaafii Mallasaa ibsaniiru.

Indaastiriiwwan 250 ta’aniif oomishaalee isaanii beeksisuun kallattiinis ta’e karaa daldaltoota al-ergiin walitti hidhamiinsi gabaa akka uumamuu fi fayyadamoo gabaa alaa akka ta’aniif kan hojjetu ta’uus ibsaniiru.

Bara baajataa darbe Indaastiriin Oomishaalee 141 gabaa alaarraa fayyadamoo ta’uu isaanii ibsuun, bu’aalee oomisha Indaastirii Doolaara Ameerikaa miiliyoona 27 fi kuma dhibba 2tti shallagaman erguuf karoorfatee % 50.9 milkeessuu isaa obbo Ashannaafiin eeraniiru.

Bara baajataa kanatti oomishaalee Indaastirii xixiqqaa fi giddugaleessaa gabaa alaatti beeksisuuf samuudni oomishaalee Ministeera Alaatiif ergamuu odeeffannoon Abbaa Taayitaa Babal’ina Oomishaalee Indaastirii xixiqqaa fi giddugaleessaarra argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

 

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.