Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad guyyaa kaleessaa eegalee adda waraanaatti argamuun hoggansa kennaa jiru jedhame

Finfinnee, Sadaasa 15, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad guyyaa kaleessaa eegalee adda waraanaatti argamuun hoggansa kennaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa beeksiise.
Hoggantoonni mootummaa olaanoon biroos gara adda waraanaatti duulaa jiraachuu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggaasaa Tulluun ibsa laataniin himaniiru.
Hojiin idilee akka hin gufanne Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin durfamaa jiraachuu himaniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad adda waraanaatti duuluun isaaniin hedduu kakaaseera jedhan.
Qaamoleen garaagaraas adda waraanaatti akka duulaan taasiisuu Dooktar Laggasaan himaniiru.
Murtoon isaanii kun ga’umsa hoggansaa fi seenaa durii kan deebise ta’uu kaasaniiru.
Ityoophiyaa kan caalu waan hin jirreef hoggantoonni fi ummanni biyyattii baraaruuf tokkummaan hojjechaa jiraachuu isaanii dubbataniiru.
Lolichi hidhannoo qofaan waan hin taaneef, Dippiloomaasiin, Diinagdee fi dameewwan biroon hirmaachuun qaamni hundi itti gaafatamummaa isaa ba’uu akka qabu gaafataniiru.
Weerarri Ityoophiyaarratti baname gamtokkoon lola waloo garee shororkeessitootaa, gama biroon ammoo humnoonni guddina biyyattii hin feene Ityoophiyaa duubatti hambisuuf kan banan ta’uu Dooktar Laggasaan kaasaniiru.
Kana qolachuuf lammiileen, ogeeyyiin aartii, miidiyaaleen, Diyaaspooraan qabsoo taasiisan cimsanii itti fufuu akka qaban gaafataniiru.
Hundeeffamni Naannoo Ummattoota Kibba Lixa agarsiiftuu Federaalizimiin sabdaneessaa ta’uu eeraniiru.
Federaalizimii dhugaan biyyattii keessatti dagaagaa jiraachuu kan muul’isu ta’uus himaniiru.
Miidiyaaleen alaa olola sobaa tatamsaasuu itti fufu dubbataniiru.
Ololli sobaa miidiyaaleen kunneen tamsaasaa jiran haala qabatamaa biyyattii kan hin ibsine ta’uu hubachiisaniiru.
Imbaasiiwwan tokko tokko xinsammuu lammiileerratti dhiibbaa uumuuf hojjechaa akka jiran mootummaan taajjabuu Dooktar Laggaseen himaniiru.
Akkasumas garee shororkeessitootaa deeggaruuf agarsiiftuwwan jiraachuu kaasaniiru.
Ummanni olola sobaan burjaaja’uurra waloon dhaabbachuun birmadummaa biyyaa baraaruu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Afawarq Iyyaayyuu fi Barnaabaas Tasfaayeetu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.