Fana: At a Speed of Life!

Sudaan Kibbaa namni jalqabaa vaayrasii koroonaa(COVID-19) qabamuu gabaaste

Finfinnee, Bitootessa 27, 2012 (FBC) – Sudaan Kibbaa namni jalqabaa vaayrasii koroonaa(COVID-19) qabamuu gabaaste.

Dubartiin umurii 29 biyyatti keessatti yeroo duraaf vaayrasichaan qabamuun ishee mirkanaa’eera.

Dubartiin kun Gurraandhala 28 Neezarlaandis irraa Finfinnee qaxxamurte Jubaa kan galte ta’uu ibsameera.

Kana hordofuunis mootummaan biyyattii lammileen of eeggannoo akka godhan kan dhaame yoo ta’u, galgala sa’aatii 2(8PM) hanga barii sa’aatii 12(AM) socho’uun akka hin danda’amne labsee jira.

Manneen dhugaatii fi kilabiiwwan cufee, jiddugalawwan gabaa nyaataan ala waan hunda gurguranis akka cufaman ajajeera.

Manneen nyaataas warra qe’eetti fudhatanii galan qofa keessummeessu jedhe ibsi waajjira itti aanaa preezdantii biyyattii baase.

Maddi:- BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.