Fana: At a Speed of Life!

Afrikaan giddugala vaayrasii koroonaa 3ffaa keessaatti argamti-Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2013 (FBC)- Afrikaan giddugala vaayrasii koroonaa 3ffaa keessaatti akka argamtu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksisee.

Kanaafis dhaabbatichi biyyoottif talaalliin dabalataa akka barbaachiisuu beeksiseera.

Hanga ammattis namoonni miiliyoonni 5 ta’an vaayrasichaan qabamaniiru.

Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti daayreektarri naannawaa Afrikaa Matshiidiisoo Mootii, Afrikaan talaallii dabalataa ni barbaaddi jedhaniiru.

Afrikaa Kibba, Morookoo, Tuuniziyaa, Ityoophiyaa fi Gibtsii biyyattitti lakkoofsi namoota vaayrasiichaan qabamanii olaanaadha jedhameera.

Ugaandaa fi Naamibiyaatti vaayrasichaan lubbuun lammiilee hedduu darbaa akka jiru ibsameera.

Deeltaa kan jedhamuu sanyii vaayrasicha haaraan biyyoota Afrikaa 14 keessatti kan muul’atee yoo ta’u, yeroo jalqabaaf Afrikaa kibbaatti kan argamee namoota 25 keessaatti argama jedhameera

Maddi:-BBC

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.