Fana: At a Speed of Life!

Moozaambiikiifi Taanzaaniyaan Shororkeessummaarratti duuluuf waliigalan

Finfinnee, Fulbaana 12, 2015(FBC)- Moozaambiikiifi Taanzaaniyaan waliigaltee Shororkeessummaarratti duuluuf isaan dandeessisu waliif mallatteessaniiru.

Hoggantoonni biyyoota lameenii daangaa biyyoota lameeniirratti shororkeessitootaafi yakkoota daangaa ce’an ittisuufi to’achuuf waliigaltee waraanaafi nageenyaa waliif mallatteessaniiru.

Waggoottan shan dura kaaba Moozaambiik naannawaa daangaa Taanzaniyaatti walitti bu’iinsa uumameen namoonni kumaatamatti lakkaa’aman du’uufi hedduun qa’eefi qabeenya isaaniirraa buqqa’uun kan yaadatamudha.

Pireezidaantiin Moozaambiik Filiipee Nuuyuusii ibsa laataniin, waggaa tokko dura nageenya kabachiistonni biyyoota Afrikaarraa walitti babba’an naannawichatti bobba’uun naannawichi gara sochiisaa duraatti deebi’uu ibsaniiru.

Pireezidaantiin Taanzaaniyaa Saamiyaa Suuluuhuu Hasan gamasaaniin, biyyoonni lameen daangaa dheeraa waan waliin qooddataniif sirni amanamaan daangaa isaanii eeguu dandeessisu kan barbaachisu ta’uu dubbataniiru.

Pireezidaantiin Moozaambiik buufataafi Waajjira Olaanaa buufata Moosiimboo Daa Piraayaa daawwachuu eerameera.

Bara faranjootaa 2017tti hidhattoonni 30 ta’an buufataalee poolisii buufata Moosiimboo Daa Piraayaatti argaman sadii weeraruun fincila eegaluu eerameera.

Yeroo sanarraa eegalee namoonni kumni 4 fi 258 wayita ajjeefaman kumni dhibbi 8 fi kumni 20 ol qa’eefi qabeenya isaaniirraa buqqa’uun godaanuu ibsameera.

Humni Moozaambiik loltoota Ruwaandaan deeggaramu bara 2021tti hidhattoota buufaticha to’atan baaseera jechuu “African News” gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.