Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach Abeebee boqochuu Obbo Galaasaa Dilboon  gadda itti dhaga’ame ibsan

Finfinnee, Bitootessa 22, 2014 (FBC) –Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee boqochuu Obbo Galaasaa Dilboon gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.

Aadde Adaanach Fuula Feesbuukii isaaniin akka ibsanitti, umrii isaa guutuu bilisummaa uummataaf qabsaa’aa kan jiraate, namni siyaasaa hangafni Obbo Galaasaa Dilboo lubbuun darbuun isaaniitti gaddi guddaan natti dhaga’ameera.

Uummata keenya guutuuf, firoottan isaanii fi maatii isaanii hundaaf jajjabina onneerraan hawwaaf jedhaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.