Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach hojii Haaromsa Dirree Almaaziyyee Qeeraa eegalchiisan

Finfinnee, Eebila 23, 2013 (FBC) – Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen hojii Haaromsa Dirree Almaaziyyee Qeeraa eegalchiisaniiru.

Aadde Adaanach abbootii qabeenyaa garaagaraa hirmaachisuun kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftootti hojii Haaromsa Dirree Almaaziyyee Qeeraa eegalchiisaniiru.

Dirreen kun ispoorteessitoota ciccimoo hedduu horachaa kan ture ta’uu ibsameera.

Mootummaan Ispoorteessitoota maqaa biyyaa waamsiisan baay’iin horachuuf damee Ispoortiif xiyyeeffannoo laatee hojjechaa jiraachuu aadde Adaanach dubbachuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat preesii magaalaa Finfinneerra argame ni agarsiisa.

Oduma walfakkaatuun sadarkaa itti aanaa kaantibaatti qindeessaan dhaabbilee kenna tajaajilaa mootummaa obbo Zhaanxiraar Abbay kutaa magaalaa Boolee aanaa 12tti ijaarsa oolmaa dargaggootaaf dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.