Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach hojiilee misooma Hawaasaa Hospitaalli Waliigalaa Siilk Rood hojjechaa jiru galateeffatan

Finfinnee, Eebila 11, 2013 (FBC) – Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebee hojiilee misooma Hawaasaa Hospitaalli Waliigalaa Siilk Rood hawaasa naannoof hojjetaa jiru galateeffataniiru.
Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebee fi Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Injinaar Geetahuun Makuriyaan dhiyeessii bidhaan Dhugaatii Hospitaalli Siilk Rood hawaasaa naannoo isaaf dhiyeesse daawwataniiru.
Dhaabbileen dhuunfaa magaalichaatti dameewwan garaagaraarratti bobba’anii argaman hawaasa naannoo isaanii deeggaruu akka qaban waamichi dhiyeessaniiru.
Aadde Adaanach Hospitaalli Siilk Rood deeggarsa hawaasummaa fi diinagdee hawaasa naannoo isaaf taasiisuun dhaabbata fakkeenya ta’uudha jedhan.
Dhaabbileen gurguddoon magaalicha keessatti argaman hawaasaa naannoo isaanii deeggaruuf muuxxannoo Hospitaala Waliigalaa Siilk Rood kana fudhachuu qabu jedhan.
Hospitaalli Waliigalaa Siilk Rood yaala bilisaa laachuu eegalee hojiilee misoomaa garaagaraa deeggaruu cimsee kan itti fufu ta’uu hojii gaggeessaan Hospitaalichaa Dooktar Waang ibsaniiru.
Hospitaalichi magaalaa Finfinnee iddoo ga’umsa Tuurizimii Fayyaa taasiisuuf tattaaffii godhamu milkeessuuf kan hojjetu ta’uu himaniiru.
Hawaasni saganticharraa fayyadamoo ta’anis Hospitaalicha galateeffachuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaa Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.