Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach ijaarsa Paarkii Wiindoo Of Afrikaa eegalchiisan

Finfinnee, Caamsaa 29, 2015 (FBC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen ijaarsa Paarkii Wiindoo Of Afrikaa eegalchiisaniiru.

Paarkichi buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee cinaatti kan ijaaramu ta’uu ibsameera.

Waliigala lafa hektaara 84 irratti ijaarama jedhame.

Boqonnaan jalqabaa lafa hektaara 14.5 irratti kan ijaaramu yoo ta’uu, giddu gala Ispoortii, Bashannanaa, magariisumaa, horawwan namtolchee fi iddoolee konkolaattoonni dhaabatan kan of keessatti hammateedha.

Alemsaggad Asaayyeetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.