Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach giddugala nyaata Tasfaa Birhaan lammiilee 1000 ol nyaachisuu ifaatti eegalchiisan

Finfinnee, Caamsaa 2, 2013 (FBC)-Itti aantuun Kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen kutaa magaalaa Booleetti kan ijaarramee giddugala nyaata 2ffaa Tasfaa Birhaan ifaatti hojii eegalchiisaniiru.

Aadde Adaanach tokkon keenyaa kanneen biroof abdii ta’uun waldeeggaruu qabna jedhaniiru.

Erga weerarri vaayrasii koroonaa muul’ateerra eegalee lammiilee harka qalleeyyii ta’aaniif deeggarsi taasifamaa tureeras jedhaniiru.

Giddugallii nyaata kun guyyaatti yeroo tokkoon lammiilee 1000 ol nyaachisuu akka danda’uu himaniiru.

Mootummaan jijjiirramichaa as lammiileerratti xiyyeeffannaa laatee hojjechaa jiraachuu kan ibsa aadde Adaanach hojiin eegalamees cimee itti fufaa jedhaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.