Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach qaamolee ayyaanni Injifannoo Adwaa karaa nagaan akka kabajamu taasiisan galateeffatan

Finfinnee, Gurraandhala 23, 2013 (FBC) –Itti aantuun Kaantiba magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee qaamolee ayyaanni Ijifannoo Adawaa waggaa 125ffaan karaa nagaan akka kabajamu taasisan galateeffataniiru.
Aadde Adaaneechi Jiraatoota magaalaa Finfinnee fi Naannawa ishee galateeffataniiru.
Ayyaanni Injifannoo bara kanaa kan durii caalaa bifa hoo’aa ta’een kabajamuu ibsaniiru.
Ayyaannichi jala bultii eegalee karaa nagaa fi hoo’aa ta’een akka kabajamu qaamolee gumaacha taasiisaan maqaa isaanii fi bulchiinsa magaalichaan galateeffataniiru.
Waldeeggaruu fi tokkummaan yoo hojjenne hariiroo tokkoon tokkoo keenyaaf fayyadu fiduu dandeenya jedhan.
Hojiin tokkuummaa ummataa cimsuu itti fufa jechuun Fuula Feesbuukii isaaniin barreessaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.