Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech sosochii fooyyessa bu’uuraalee misoomaa manneen barnootaa eegalchiisan

Finfinnee, Adoolessa 7, 2015 (FBC)-Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen sosochii fooyyessa bu’uuraalee misoomaa manneen barnootaa eegalchiisaniiru.

Sagantaa eegalchiisa sosochichaarratti qondaaltonni bulchiinsa magaalaa fi federaalaa argamaniiru.

Sosochichi bu’uuraalee misoomaa manneen barnootaa fooyyessuun qulqullina barnootaa mirkaneessuuf kan kaayyeffateedha jedhameera.

Aadde Adaanech saganticharratti haasawaa taasisaniin, dhaloota irratti hojjechuun ijaarsa biyyaaf bu’uura jedhan.

Rakkoolee manneen barnootaa mudataa jiru furuuf qindoominaan hojjechuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Haalum aknaan manneen barnootaa bu’uuraalee misoomaa barbaachisu guutuun hojii baruu fi barsiisuuf haalaa mijeessuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Sadarkaa magaalattiitti mannen brnootaa hedduun sadarkaa isaanii kan hinguutne ta’uu ibsuun, rakkoolee kanneen furuuf hirmaannaa taasisuu gaafata jedhaniiru.

Hoggaana Biiroo Barnootaa Finfinnee Dooktar Zalaalam Mulaatuun gama isaaniin, magaalattiitti manneen barootaa argaman sadarkaa eeggamanirra kan hingeenye ta’uu ibsaniiru.

Sadarkaa isaanii fooyyessuufis, pirojektoonni garaagaraa hojiirra oolfamaa jiraachuu TOI gabaaseera.

Bu’uuraalee misoomaa manneen barnootaa guutuuf, dandeettii fi kaka’umsa barsiisotaa cimsuuf, sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuuf sosochiin eegalamuu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.