Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanecha Abeebee Daayrektara Ejensii Misoomaa Gamtaa Afriikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2014 (FBC) – Kantiibaan Bulchinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Daayrektaraa Eejensii Misoomaa Gamtaa Afrikaa Aadde Naardoos Baqqalaa waliin waajjira isaaniitti mari’ataniiru.
Aadde Adaanecha hojiilee misoomaa Magaalaa Finfinnee fi sochii jijjiiramaa fi riifoormii akka biyyattiitti gaggeeffamaa jiran irratti ibsa kennaniiru.
Qormaata keessa darbuun jireenya lammiilee jijjiiruu, maqaa gaarii Magaalaa Finfinnee ijaaruuf hojiilee bal’aan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Aadde Naardoos Baqqalaa gama isaanin, sochiileen jijjiiramaa biyyattiitti gaggeeffamaa jiran abdii qabeessa ta’uu ibsanii, waan arganitti gammaduu eeraniiru.
Xumura marii booda Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalichaa fi Muuziyamii Yaadannoo Aduwaa ijaaramaa jiru daawwachuu ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.