Fana: At a Speed of Life!

Aadde Loomiin aanaa Gullisootti ajjeechaa gara jabinaa lammiilee nagaarratti raawwatameef gadda itti dhaga’ame ibsan

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2013 (FBC)- Af Yaa’iin Caaffee Oromiyaa aadde Loomiin Badhoo aanaa Gullisootti ajjeechaa gara jabinaa lammiilee nagaarratti raawwatameef gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.

Aadde Loomiin Oromoon seenaa keessatti saboota, sablammootaafi ummattoota ollaa isaafi keessoo isaa jiraatan waliin nagaafi jaalalaan ofitti haammatee waliin jiraachuufi jiruufi jireenya hawaasummaa adda addaa waliin gaggeeffachuun duudhaa waliin jireenyaa bara dheeraa qaba jedhaniiru.

Gochi tibbana godina Wallagga lixaa aanaa Gullisoo ganda Gawwaa Qaanqaatti ummata nagaarratti haleellaa raawwatameen ummattoota gidduutti diinummaa labsuudhaaf walta’iinsa humnoota badiin kan qindaa’eedha jedhaniiru.

Aadde Loomiin gochi kun ummata Oromoos ta’e sabaafi sablammoota biyyattii kamiyyyuu kan bakka hin buunee dha jedhaniiru.

Nageenya ummattoota booressuuf karoorfamee gocha raawwatame ta’us ibsaniiru.

Mootumman humnoota badii kunneniirratti tarkaanfii fudhachuu akka hojjetuu ragaan fuula Feesbuukii Caffee Oromiyaarra arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf; FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.