Fana: At a Speed of Life!

Aadde Yimanyuushi Mitikkuu dubartii Umrii Waggaa 47tti Yunvarsiitii Seente

Finfinnee, Caamsaa 16, 2014 (FBC) – Aadde Yimanyuushi Mitikkuu dubartii umrii waggaa 47ffaa isheetti bara barnoota 2014 barnootaaf Yunvarsiitii Wallaggaa seenaniiru.
Jiraattuu Godinaa Wallaggaa Baha Aanaa Nuunnuu Qumbaa kan ta’an Aadde Yimmanyushi Mitikkuu, Yuunvarsiitii Wallaggaatti barattuu Muummee Saayinsii Uumamaa ta’uun isaanii eerameera.
Daayrektarri Dhimma Da’immanii, Dubartoota fi Dargaggoota yuunvarsiitii Wallaggaa Dooktar Haliima Jibriil, “Dubartoota erga heerumanii barnootaaf abdii kutataniif Aadde Yimanyushi fakkeenya guddaadha’ jedhan.
Aadde Yimanyuushi Mitikkuu Haadha Ijoollee 4 yoo ta’an, sadarkaa kana ga’uu isaaniif deeggarsi abbaa mana isaanii qooda olaanaa qabaachuu himaniiru.
Galaanaa Tasfaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.