Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Dugdaatti namoonni waldaan gurmaa’uun Paappayyaa lafa hektaara 10 irratti oomishaa jiran torbanitti galii birrii  kuma 600 argata jiraachuu dubbatan

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2014 (FBC) – Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaatti namoonni waldaan gurmaa’uun Paappayyaa lafa hektaara 10 irratti oomishaa jiran torbanitti galii Birrii kuma 600 argachaa akka jiran  himaniiru.

Paappayyaan sanyii fooyya’aa misoomsaa jiran kunis baatiiwwan 10 keessatti dhaabamee oomishaaf gaheera.

Waldichis duraan rakkoo walitti hidhamiinsa gabaa dhabuudhaan oomishni isaanii manca’aa akka ture himaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee  aadde Adaanach Abeebee waldaan oomisha Abukaadoo fi Paappayyaa irratti gurmaa’uun oomishaa jiran bifa qindaa’een magaalaa Finfinneetti akka gurgurataniif haala mijeessina jedhaniiru.

Oomishni Paappayyaa erga bilchaatee guyyoota lama caalaa turuu waan hin dandeenyeef dafee manca’a.Yeroon oomisha isaanii akka hin gurguranneef dallaalaan gufuu itti ta’aa turuu himuun Mootummaan akka haala mijeessuuf gaafataniiru.

MM Abiy Ahimad rakkoon dhiheessitoota muduraa fi kudhuraa waaraan akka furamuuf  Bulchiinsi Mootummaan N/Oromiyaa fi Bulchiinsai Mag/Finfinnee waliin akka hojjetaniif haasaa bakkichatti taasisaniin kallattii ka’aniiru.

Jilli MM Abiy Ahimadiin durfamu Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaatti Paappayyaa jallisiin misoomaa jiru daawwateera.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.