Fana: At a Speed of Life!

Aanaalee ollaa naannoo Afaarii fi Amaaraatti hoomaan Awwannisaa muudate

Finfinnee, Fulbaana 13, 2014 (FBC) – Hoomaan Awwannisaa aanaalee naannoo Afaar keessatti muul’achuu ibsameera.

Rakkicha furuuf Baatii Adoolessaa eegalee koreen naannichatti hundaa’e Ministeera Qonnaa waliin ta’uun tarkaanfiin fudhataa jiraachuu walitti qabaan korichaa obbo Mahaammad Sayid ibsaniiru.

Yaa ta’uutii giddutti hordoffiin ture adda cituu isaan hoomaan Awwannisaa irra deebiin babal’achuu kaasaniiru.

Bifuma walfakkaatuun Naannoo Amaaraa Godina Walloo Kibbattis hoomaan Awwannisaa muul’achuu ibsameera.

Hoomaan awwannisaa kun bara darbe naannoo Afaarii ka’uun oomisha Qonnaan bultoota kuma 61 miidhuun isaa himameera.

Isaayyaas Galaawutu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.