Fana: At a Speed of Life!

Aartiist Masfin Geetaachoow addunyaa kanarraa du’aan boqate

Finfinnee, Eebila 17, 2013 (FBC) – Aartiist Masfin Geetaachoow addunyaa kanarraa du’aan boqateera.

Aartiist Masfin Geetaachoow vaayrasii Koroonaan qabamee Hospitaala Eekkaa Kotabeetti yaallamaa erga ture umrii isaa waggaa 50tti addunyaa kanarraa du’aan boqateera.

Masfin Geetaachoow barreessaa, qopheessaa fi taatoo ta’uun Aartii biyyattii keessatti gumaacha olaanaa taasiisaa tureera.

Diraammawwanii fi fiilmiwwan gaggabaaboo fi dheeraa hedduu Raadiyooo fi Teeleeviizhiin hojjeteen ummata biratti fudhatama olaanaa argateera.

Keessattuu hojii Diraamaa Teeleeviizhiin Sawlasaw fi Gamanaa keessatti hojjeteen dinqisiiffattoota hedduu horateera.

Masfin Geetaachoow abbaa ijjoollee sadii turan

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.