Fana: At a Speed of Life!

Abbaa ijoollee 11 fi maanguddoo umrii waggaa 69 Yuunvarsiitiin Jimmaa haaraa simate barataa Taaddasaa Giichillee!

Finfinnee, Caamsaa 5, 2014 (FBC) – Abbaan ijoollee 11 fi maanguddoon umrii waggaa 69 Barataa Taaddasaa Giichillee barattoota Yuunvarsiitiin Jimmaa haaraa simate keessa isaan tokko ta’uu ibsameera.
Qoramata seensaa fudhachuun qabxii 502 galmeessuun Yuunvarsiitii Jimmaatti kan ramadaman barataa Taaddasaa Giichillee, Godina Wallagga Lixaa aanaa Ganjii ka’uun hiriyoota ijoolee isaa hiriyaa barumsaa taasiifachuun Jimmaa Yuunvarsiitiitti argamaniiru.
Bara 1945 kan dhalatan obbo Taaddasaan abbaa ijoollee 11 yoo ta’an, haati warraa isaanii Aadde Biddiiqxuu Tolaa fi ijoolleen isaanii barumsa xumuruun sadarkaa guddaarraa akka ga’aniif gumachaa olaanaa taasiisuufii ibsaniiru.
Fedhiin ijoollummaa akkuma hiriyoota isaanii qubee lakkaa’uun, saayinsii qorachuun bakka barbaatan ga’uuf qaban sababa itti gaafatamummaa maatii fi haala jireenyaan milkaa’uu baatus, kaka’umsa cimaa bakka yaadan ga’uu qabaniin Yuunvarsiitii seenuu isaanii dubbataniiru.
Inistiityuutii Teeknooloojii Yuunvarsiitii Jimmaatti barataa haaraa ta’uun kan galan obbo Taaddasaan, ‘namoonni tokko tokko umrii kanaan maaf barattaa adda kutii gara qonnaatti deebi’i naan jedhu, an garuu abjuu ijoollummaa koo milkeessuu waanaan qabuuf barumsa koo cinaatti hojii qonnaa fi biqiltuu Bunaa babal’isaa tureera’ jedhan.
Turtii Yuunvarsiitiitti taasiisaniin barnoota Dooktoreetii Fayyaa qorachuu fi hanqinoota damee yaalaan jiran sirreessuun lammiilee Ityoophiyaa tajaajiluu kan barbaadan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Yuunvarsiitii Jimmaatti Inistiityuutii Teeknooloojiirraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.