Fana: At a Speed of Life!

Abbaan alangaa waliigala Oromiyaa raawwii hojii baatiiwwan 6 Adaamaatti gamaaggamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2012 (FBC) – Abbaan alangaa waliigala Oromiyaa raawwii hojii baatiiwwan 6 Adaamaatti gamaaggamaa jira.

Manni hojichaa raawwii hojii godinaalee fi aanaalee naannichaa magaalaa Adaamaatti gamaaggama jira.

Abbaan Alangaa Waliigalaa Oromiyaa obbo Daani’eel Asaffaa haasawaa baniinsaa taasisaaniin,seektarichi gama seeraan mootummaa fi hariiroo hawaasaa cimsuun keessatti shoora olaanaa qaba jedhan.

Ijaarsa biyyaa keessatti seektarri haqaa seektara kamiiiyyuu caalaa qooda olaanaa qaba jedhan obbo Daani’eel.

Hanqina kaleessaa irraa barachuun, hojmaataa gaarii ture akka muuxxaannootti fudhachuun imaammataa fi kaayyoo fooyya’aa ta’e qopheessuu bu’aa caaluuf qindoominaan ni hojjetama jedhaniiru.

Jarmiyaalee haqaa isa duraa caalaa tajaajilaa si’ataa, haqa qabessaa fi qulqulluu ta’e laachuu danda’an ijaaruuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu ibsameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.