Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin Alangaa Federaalaa Yaa’ii waliigalaa gaggeeffamurratti si’oominaan akka hirmaatan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Amajjii 14, 2014 (FBC) – Ministeerri Haqaa Abbootiin Alangaa Federaalaa Yaa’ii waliigalaa gaggeeffamurratti si’oominaan akka hirmaatan waamicha dhiyeesseera.

Ministeerri Haqaa Yaa’ii Waliigalaa Abbootii Alangaa gaggeeffamu ilaalchisee ibsa Faanaa Broodkaasting Korporeetiif ergeen, sirna haqaa biyyattii fi guddina ogummichaaf,akkasumas hawaasaaf tajaajila haqaa fooyya’aa laachuuf yaa’iin waliigalaa Abbootii alangaa qooda olaanaa qabaachuu ibseera.

Kana hubannoo keessa galchuun Abbootiin Alangaa Federaalaa Yaa’ii waliigalaa kanarratti si’oominaan hirmaachuu akka qaban waamicha taasiiseera.

Yaa’iin waliigalaa Abbootii Alangaa Federaalaa Amajjii 15, 2014 bakka hoggantoonni qaamolee haqaa naannolee fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamanitti magaalaa Finfinnee Hoteela Iter Leegzhariitti sa’aatii 5:00 irraa eegalee kan gaggeeffamu ta’uu ibseera.

Yaa’ichaan filannoon Hojii Raawwachiiftootaa fi Preezdaantii waldichaa kan gaggeeffamu ta’uu eereera.

Koreen qindeessituu yaa’ichaa walga’ii guyyaa kaleessaa gaggeesseen qajeelfama filannoo fi yaa’ichaa raggaasiisuu himeera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.