Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin Gadaa Gujii sirna jila maqa baasaa raawwatan

Finfinnee, Amajjii 18, 2013 (FBC ) – Abbootiin Gadaa Gujii sirna jila maqa baasaa raawwataniiru.
Abbootiin Gadaa Gujii jila maqa baasaa Godina Gujii Bulchiinsa Magaalaa Adoolaa Woyyuu Ardaa Jilaa Gudubaa Reeddee bakka addaa Daraartuu jedhamutti raawwatan.
Jilli maqa baasaa sirna gadaa keessatti sadarkaa guddina lubootaa fiduuf kan taasifamuu dha.
Haaluma kanaan jiraataa Godina Gujii Bulchiinsa Magaalaa Adoolaa Woyyuu kan ta’aan obbo Galoo Waaree; bu’uruma sirni Gadaa isaan ajajuun ilmaan isaaniitiif sirna maqa baasaa bakka Abbootiin Gadaa ,Yuubni fi Baatuun argamanitti raawwachuun ilmaan isaaniif maqaa baasaniiru.
Maatiin obbo Galoo Waaree ilmaan, ilmaan Baatuu Dhallanaa waan ta’aniif ,ilmaan isaanii 19 hundaaf maqaa Dhugoo Waaqoo Gaboo jedhanii moggaasuun gara sadarkaa Qarreetti guddisaniiru.
Abbootiin Gadaa fi yuubi Gadaa akkasumas qorattoonni Sirna Gadaa Gujii ,sadarkaa Gadaa tokko irraa gara itti anuutti darbuuf jila maqa baasaa raawwachuun dirqama ta’uu ibsaniiru.
Ilmaan Obbo Galoo Waaree sirna maqa baasaa kanaan rifeensa mataa isaanii haaddatanii, erga qarree buufatanii booda, korma maatiin isaanii isaaniif kennan mooraa loonii keessaa baatanii balbala abbootii isaanii duratti Areerachuun; sirba ‘’shaboo yaasa’’ jedhamu sirbuun gammachuu isaanii ibsatanii jiru.
Akka OBN gabaasetti obbo Galoo Waaree fi Ilmaan isaanii guyyaa kana geenyee sirna kana raawwachuun gulantaa itti aanuutti ce’uu keenyatti gammannee jirra jechuun dubbataniiru.
Bu’uruma duudhaa Sirna Gadaa Gujiin sirna maqa baasa kana irratti, Gosa Oromoo Maccaa kan ta’anii fi Magaalaa Adoolaa Woyyuu keessa kan jiraatan obbo Maannayee Haayiluu fedhii isaaniitiin maatii isaanii waliin gara maatii obbo Galoo Waareetti galanii jiru.
Abbootiin Gadaa fi Yuubni Gadaa faroo ilaalanii,erga qoratanii booda obbo Maannayee Haayiluu ,Sirna Luboomsaan; ilma quxusuu obbo Galoo Waaree, Firaan Obbituu ,baalliin isaanii dhallaana akka ta’e murteessanii, rifeensa mataa irraa haadanii eebbisanii gara maatii kanatti makanii jiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.