Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa 42 Parkii Indaastirii Qonnaa Qindaa’aa Bulbulaatti hojjechuuf

Finfinnee, Hagayya 2, 2014 (FBC) – Abbootiin qabeenyaa fi misoomsitoonni dhuunfaa 42 Paarkii Indaastirii Qonnaa Qindaa’aa Bulbulaatti hojjechuuf waadaa galuu Ministeerri Indaastirii beeksise.

Ijaarsi bu’uuraaleen misoomaa Indaastirii Qonnaa Qindaa’aa Bulbulaa xumuramee abbootii qabeenyaa fi misoomsitoota dhuunfaa fayyadamtota taasisuuf qophii isaa xumuruun abbootii qabeenya 135 keessummeesuuf dandeetti kan qabuudha.

Yeroo ammaa abbootiin qabeenyaa fi misoomsitoonni dhuunfaa 42 paarkicha keessatti hojjechuuf waadaa galaniiru.

Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allibal, mootummaan ce’umsaa diinagdee biyyattii dhugoomsuuf waggoottan sadan darban ijaarsi paarkiiwwan Indaastirii Qonnaa Qindaa’aa Bulbulaa, Yirgaalam fi Buree xumuramanii hojii eegaluu ibsanii, abbootiin qabeenyaa parkiiwwan kanneenitti hojjetanis galmaa’aa jiraachuu himan.

Hanga ammaattis paarkiiwwan sadeenitti hojii eegaluuf abbootiin qabeenyaa 94 galmaa’uu fi kanneen keessaa abbootiin qabeenyaa 6 oomisha eegalaniiru jedhan.

Paarkiiwwan qonnaa qindaa’aa kanneenitti abbootii qabeenyaa hojii eegalan keessaa sadii lammiilee biyya alaa yoo ta’an, waggoota lama keessatti Doolaaraa miiliyoona 16.2 galii argamsiisuu ragaan ministeerichaarraa argame ni miul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.