Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa biyya keessaa carraa gaarii fi haala mijataa uumametti fayyadamuun Paarkii Qonna Qindaa’aa Agroo Indaastirii Bulbulaa keessatti hirmaachuu akka qaban waamichi dhiyaate

Finfinnee, Adoolessa 30, 2014 (FBC) – Abbootiin qabeenyaa biyya keessaa carraa gaarii fi haala mijataa uumametti fayyadamuun Paarkii Qonna Qindaa’aa Agroo Indaastirii Bulbulaa keessatti hirmaachuu akka qaban Naannoon Ormiyaa waamichi dhiyeesse.

Paarkiin Qonna Qindaa’aa Agroo Indaastirii Bulbulaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamii Tulluutti lafa hektaara 271 irratti Birrii biiliyoona 10 oliin ijaarame abbootii qabeenyaa simachuuf qophii xumuruu Biiroon Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa beeksiseera.

Sagantaa paarkicha beeksiisu Finfinnee Hoteela Iskaayilaayitiitti gaggeeffameera.

Saganticharratto Pireezidaantii naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonn mootummaa federaalaa, abbootii qabeenyaa fi keessummoonni adda addaa argamaniiru jedhame.

Obbo Shimallis Abdiisaa saganticharratti akka jedhanitti, Diinagdee naannichaas ta’e biyyattii guddisuuf oomisha qonnaa ammayyeessuu fi paarkiiwwan indaastirii babal’isuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu Pireezidaanti Shimallis eeraniiru.

Abbootiin qabeenyaa biyya keessaa carraa gaarii fi haala mijataa uumametti fayyadamuun ofiisaaniis ta’e biyyattii jijjiiruuf cimanii hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Paarkiin Qonna Qindaa’aa Agroo Indaastirii Bulbulaa ijaarramee xumuramuun isaa qonnaa fi diinagdee naannichaas ta’e biyyattii bu’uurarraa jijjiiruu keessatti ga’ee olaanaa qabaachuu Hogganaan Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa Dooktar Tashoomaa Addunyaan eeraniiru.

Paarkiin ijaarsisaa xumurame kun oomishaalee qonnaatti sona dabalee gabaa biyya keessaavfi alaatiif dhiyeessuun oomisha qonnaarra galii guddaan akka argamu kan deeggaruu fi dinagdee biyyattii guddisuu keessatti ga’ee olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal ibsaniiru.

Paarkiin Qonna Qindaa’aa Agroo Indaastirii Bulbulaa abbootii qabeenyaa 150 ol simachuudhaan namoota kuma dhibba 1 oliif carraa hojii kan uumu ta’uu DhPI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.