Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa Chaayinaa naannoo Kibba Lixa Ityoophiyaatti hojiilee invastimantiirratti akka bobba’aniif waamichi dhiyaate

Finfinnee, Guraandhala 2, 2015 (FBC)- Abbootiin qabeenyaa Chaayinaa naannoo Kibba Lixa Ityoophiyaatti hojiilee invastimantiirratti akka bobba’aniif Ittaanaan Pireezidaantii naannichaa Dooktar Injinar Nagaash Wageeshoon waamicha dhiyeessan.

Dooktar Injinar Nagaash Wageeshoon Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Zaahoo Zhiyuwaan waliin waajjirasaaniitti mari’ataniiru.

Abbootiin qabeenyaa Chaayinaa naannichatti damee Indaastirii Qindeessa Qonnaarratti osoo hirmaatanii mootummaan naannichaa deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu Dooktar Injinar Nagaash ibsaniiru.

Naannichi albuudawwan akka warqee, dhagaa cileefi sibiilaan kan badhaadhe ta’uus eeraniiru.

Ambaasaaddar Zaahoo Zhiyuuwaan gamasaaniin, Chaayinaan Ityoophiyaa waliin hojiilee garaagaraan tumsaan hojjechaa jiraachuu kaasuun, naannoo Kibba Lixaa Ityoophiyaa Chaayinaatti kan beeksisan ta’uufi hariiroo eegalan cimsanii kan itti fufan ta’uu ibsaniiru.

#Ityoophiyaa #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.