Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa Jaappaan Ityoophiyaatti hojiilee invastimantiirratti akka bobba’an Ambaasaaddar Tafarraan gaafatan

Finfinnee, Sadaasa 26, 2015 (FBC)-Jaappaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Tafarraa Darriboon hoggantoota dhaabbilee 13 Jaappaan waliin filmaatawwan invastimantii Ityoophiyaarratti mari’ataniiru.

Marii isaaniin Ityoophiyaa fi Jaappaan hariiroo dippilomaasii yeroo dheeraa kan qaban ta’uu kaasaniiru.

Fuuldurattis biyyooni lameen damee daldalaa fi invastimantiin hariiroo fi walta’iinsa qaban caalmaan cimsuu akka qaban hubachiisaniiru.

Ambaasaaddar Tafarraan Ityoophiyaatti dameewwan garaagaraan filmaatawwan invastimantii hintuqamne qabaachuu ibsaniiru.

Seera invastimantii Ityoophiyaa, onnachiistuuwwan, haala qilleensaa, bu’uuraaleen misoomaa dameewwan xiyyeeffannaan duraa kennamuuf ta’uu fi dhimmoota walqabatanirratti ibsa bal’aa kennaniiru.

Ambaasaaddarichi dhaabbileen Jaappaan Ityoophiyaatti hojiilee invastimantiirratti akka bobba’an waamicha dhiyeessaniiru.

Hirmaattonni marichaa gama isaaniin, filmaatawwan invastimantii Ityoophiyaarratti odeeffannoo bal’aa fi gahaa argachuu ibsuun fuuldurattis hojiilee invastimantiirratti bobba’uuf fedhii qabaachuu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.